Qonnaan bultoonni sanyii dinnichaa argatan sanyii kana baay’isuun qonnaan bultoota biroo biraan akka gahaniis dubbataniiruu.

Oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf galtewwan barbaachisaan kessaa sanyii filatamaan isa tokko. Qonnaan bultoonni Aanaa Haramayaa deggarsa sanyii dinnichaa bubbuu jedhamu agatan,sanyiin kun akka baay’atee qonnaan bulaan biroos fayyadamaa ta’uuf lafa qonna isaanii qixa sirriin qophessanii akka hojjachaa jiran ibsaniiruu.

Tajaajilli misooma hawaasummaa Yuunivarsiitii Haramayaa deggarsa sanyii filatamaa nuuf godhe kanaaf galatni nu biraa qaban guddaadha jechuun qonnaan bultoonni Aanaa Haramayaa yaada isaani Raadiyoo Hawaasa Yuunivarsiitii Haramayaa HU FM 91.5’niif himaniiruu.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa hojiiwwan Tajaajila misooma Hawaasummaa roga jaha irratti xiyyeffatee hojjachaa jiru kessaa inni tokko qonna kan jedhan itti aanaan pirezdantii dhimma Tajaajila misooma hawaasummaa Yuunivarsiitichaa Doktar Yisaaq Yuusufi.

Yeroo ammaa Kanaas sanyii filatamaa dinnichaa bubbuu jedhamu kan oomishtummaan isaa heektaara tokko irraa kuntaala 200 hanga 350 ta’uu qorannoo irratti gaggeeffamee mirkanaa’uus eeraniiruu.

Kanaan wal qabsiisuun deggarsawwan Yuunivarsiitiin hawaasaaf kennu hundi koree hordoffii deggarsawwan kennamaniin hordoffiin akka godhamuus Doktar Yisaaq Yuusuf addessaniiruu.

– Gabaasni kan : Damooz Yaaqoob
– Suuraa : Tewodros Lishaan